Waldaan dargaggoota Oromoo kan Minnesota Waldaa Hawaasa Oromoo Minnesotaa wajjiin wal ta’uudhaan sagantaa tajajila barumsaa (tutoring) barattoota sadarkaa 1ffaa tiif 2ffaa sa’a boqonnaa isaanii gargaarsa kennuudhaaf qophii isaanii xumuranii jiru kanaaf barattooni naannoo magaalaa lakkuu jiraatan hundi keessan carra kanati akka gargaaramtan isin beeksisaa, maatiins haala kana hubatee barattoota akka gara giddu-gala mana barumsaatti ergtaniif ykn geessitan waamicha isiniif goona.
Bakki barumsi itti kennamu: Giddu gala Waldaa Hawaasa Oromo galma haarawa Saint Paul MN Guyyaan barumsi kennamu: Wiixatta, Harbaa(Roobii) fi, Jimaata Sa’aan barumsii itti kennamu: 4.00wb –8:00wb
Waldaa Hawaasa Oromoo Minnsota Waldaa Dargagoo Oromoo Minnsota
Ammajjii 19,2009
Teessoon:465 Mackubin st. Saint Paul MN 55104
Phone:651 757 3040 (Rec.) Phone: 651 757 3046 (Jemal) Fax : 6512241786 E-mail : Tufej@oromoocommunitymn.org